Signed in as:
filler@godaddy.com
Signed in as:
filler@godaddy.com

Kaayyoon keenya maamiltoota keenyaaf adeemsa iyyata viizaa salphisuudha; kanaafis qajeelfama ifaa, amanamaa fi ogummaa irratti hundaa’e ni kennina. Tajaajila yeroo isaa eeggateen iyyata viizaa galchuu(Application), hordoffi iIyyannoo gochuu, fi deeggarsa dhuunfaa sadarkaa hunda irratti kennuun tajaajila sadarkaa olaanaa dhiyeessuuf kutannoodhaan hojjenna. Dabalataanis

Ogummaa seeraa imigireeshinii Awustiraaliyaa fi hubannoo hawaasa keenyaa wiirtuu godhannee, maamiltoota keenyaaf tajaajila kennina.
Kaayoon keenya:
Ogummaa seeraa imigireeshinii Awustiraaliyaa fi hubannoo hawaasa keenyaa wiirtuu godhannee, maamiltoota keenyaaf tajaajila kennina.
Kaayoon keenya:

Dhaabbatichi Registered Migration Agent (RMA) qabaachuun, seera imigireeshinii Awustiraaliyaa irratti namoota barnoota "Australian Migration Law" barataniin fi adeemsa viizaa gara garaa irratti hubannoo bal’aa fi ogummaa qabuun qarqaarsi kenna.
Ogummaan keenyaan

Gorsa Viizaa (Visa Consultation):
Haala dhuunfaa maamiltootaa irratti hundaa’uun gorsa sirrii fi seeraan deeggarame kennuu
Qophii fi Iyyannoo Viizaa galchuu (Visa Application Preparation & Lodgement)
Iyyannoo viizaa guutuu sirnaan qopheessuu, ragaa barbaachisu walitti qabuu fi yeroo isaa eeggatee galmeessuu
Viizaa Maatii (Family & Partner
Gorsa Viizaa (Visa Consultation):
Haala dhuunfaa maamiltootaa irratti hundaa’uun gorsa sirrii fi seeraan deeggarame kennuu
Qophii fi Iyyannoo Viizaa galchuu (Visa Application Preparation & Lodgement)
Iyyannoo viizaa guutuu sirnaan qopheessuu, ragaa barbaachisu walitti qabuu fi yeroo isaa eeggatee galmeessuu
Viizaa Maatii (Family & Partner Visas):
Maatii walitti fiduu, viizaa haadha/abbaa, ijoollee fi hiriyyaa gaa’elaa irratti gargaarsa kennuu
Deeggarsa Ragaa fi Barreessuu (Documentation & Submission Support):
Barreessuu xalayaa deeggersaa, statement, statutory declaration fi ragaa biroo qopheessuu
Deeggarsa Jijjiirraa Haala (Change of Circumstances & Follow-up):
Jijjiirraa odeeffannoo, qunnamtii Department of Home Affairs waliin fi hordoffii iyyannoo gochuu

Iyyata Viisaa Jaarsaa/Jaartii fi Kadhimaa (Partner Visas) keessan irratti ragaa sirrii walitti qabuu, fi haala sirna mootummaa Australia irratti hunda’e dhiyeessuun gargaarsa Isiniif goonu .

Maatiiwwan akka ijoolleen isaanii warra isaanii Australia keessatti waliin jiraatan gochuuf iyyata Child Visa irratti isaan gargaarra. Tajaajilli keenya galmee sirrii qopheessuu, ulaagaalee seeraa fi eeggannoo ijoollee (custody) guutuu mirkaneessuu, fi ragaa cimaa dhiyeessuu irratti xiyyeeffata.

Baqattootaa fi Namoota eegumsa barbaadaniif gorsa kennuu fi Iyyannoo isaanii galchuu irratti qarqaaruu

Iyyata Visitor Visa keessan sirnaan fi saffisaan akka galfamu isin gargaarra. Daawwannaa maatii, bashannana ykn dhimma daldalaa irratti gara Australia dhufuu yoo barbaaddan, galmee keessan haala sirrii fi mootummaa Australia barbaadu irratti hundaa’uun qopheessina.

Adeemsi iyyannaa Viizaa Maatii yeroo dheeraa fi ulaagaalee adda addaa waan qabuuf, galmee sirrii fi ragaa gahaa qopheessuun baay’ee murteessaa dha.
Adeemsi kun akka isinitti salphatuu fi carraa milkaa’ina keessan guddisuuf hojjenna.

Namoota ogummaa fi ulaaga afaan Ingliffaa guutan kan hojii barbaadanaf karaa sirrii irratti qajeelchuu fi iyyannoo isaanii deeggaruu
Tajaajilli hiikkaa keenya kan NAATI mirkanaa’e, namoota dhuunfaa fi maatii hawaasa keenyaaf tajaajila sirrii, amanamaa fi saffisaa ta’e ni kenna. Hiikkaan kun dokumentoota mootummaa, dhimma seeraa, fi hojii immiigireeshinii keessatti barbaachisaa ta’ee, akka galmeen keessan sirnaan hubatamuu fi fudhatama argatu gargaara.